Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoon Amaaraa yaa’ii idilee 3ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoon Amaaraa yaa’ii idilee 3ffaa, marsaa 6ffaa, bara hojii 1ffaa gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichaan raawwii karoora bara 2014 Pireezidaantii Naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan ni dhiyaata jedhameera.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu, ijaarsa nageenyaa waaraa fi hariiroo ummatummaa naannolee olla cimsuu haalota dandeessisanirratti mari’achuun kallattii kaa’a jedhamee eegama.

Turtii guyyoota afuriitiinis, wixinee baajataa bara 2015 naannichaa dabalatee labsiiwwan fooyya’uu qabanii fi muudamoota garaagaraa ni raggaasisaan eeggama.

Minichil Azzazaatu gaabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.