Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiaa yaa’ii idileesaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015(FBC)- Manni Maree Naannoo Uummattota Kibba Lixa Ityoophiyaa Yaa’ii Idilee 3ffaa Mana Maree 6ffaa bara hojii 2ffaa magaalaa Tarcaatti gaggeessaa jira.

Naannichatti fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf tattaaffii bal’aan taasifamuu Af-yaa’iin Mana Maree naannichaa obbo Wandimmuu Kurtaan haasawaa taasisaniin eeraniiru.

Adeemsa raawwiirratti jijjiiramoonni bu’uuraa jiraachuu eeruun, ammas hojiileen qabsoo barbaadan jiraachuu ibsaniiru.

Tattaaffiin gama maraan taasifamaa jiru kan abdii namatti hour ta’uufi rakkoolee nageenyaa, misoomaafi bulchiinsa gaarii furuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Naannichatti dameewwan qonnaa, fayyaa, barnootaa, carraa hojii uumuufi galii walitti qabuun bu’aa gaarii galmeessisuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaadha jedhan.

Manni marichaa qaboo yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa raggaasisuun, yeroo ammaa gabaasni raawwii baatiiwwan jahan darbanii dhiyaachaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.