Fana: At a Speed of Life!

Manni maree naannoo Soomaalee walga’ii idilee 12ffaa waggaa 5ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Manni Maree naannoo Soomaalee walga’ii idilee 12ffaa waggaa 5ffaa gaggeessaa jiraachuu himame.
Walga’ichi bakka itti aanaan Preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammad, Af yaa’iin mana mare naannichaa obbo Ibraahiimii fi miseensoonni mana marichaa argamanitti gaggeeffamaa jira jedhame.
Miseensonni mana marichaa ajandaawwan shan yaa’iicharratti dhiyaate raggaasiisuun walga’ii idilee 12ffaa gaggeessuu eegalaniiru.
Walga’ichi ajandaawwan qaboo yaa’ii 11ffaa, gabaasaa raawwii hojii baatii jahaa dhaggeeffachuu, Baajata kaappitaalaa Proojektoota eegalaman xumursiisuuf oolan fi muudamoota Kaabinee naannichaa ni raggaasiisa jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Komiiniikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.