Manni Maree Naannoo Sidaamaa Karoora Mana Murtii waliigalaa naannichaa sagalee guutuun mirkaneesse
Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Sidaamaa Yaa’ii 1ffaa waggaa 1ffaa gaggeessaa jiruun karoora Mana Murtii Waliigalaa naannichaa sagalee guutuun raggaasiseera.
Manni Murtii Waliigalaa naannichaa tajaajiloota abbaa seerummaa haqa qabeessa babal’isuuf xiyyeeffannaa itti kennee hojjachuu akka qabu kallattii kaa’ee jira.
Yakkoota dubartootaa fi daa’imman irratti raawwataman ittisuudhaaf haala isaan ittiin haqa argachuu danda’an mijeessuu fi sirnoota hojmaataas diriirsuu qaba jedhamee jira.
Fayyadamummaa diinagdee ummata naannichaa miidhaa kan jiru daldala kontiroobaandii dhaabsisuudhaafis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin haala hojjachuun danda’amurratti xiyyeeffachuu qabas jedhameera.
Hannaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii dhabamsiisuun qabeenya ummataa tajaajiloota ummataatiif oolchuuf akka dandeessisu tarkaanfiiwwan fudhataman bu’uura seeraatiin cimsuu akka qabu Mana Marichaatiin ka’ee jira.
Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannichaa obbo Damissee Dullachaa yaada mana marichaa karoora dhiyaaterratti ka’e fudhannee rakkoolee jiran furuudhaan ummata naannichaatiif tajaajila haqa qabeessa ta’e laachuuf ni hojjatama jedhaniiru.
Manni Maree Naannichaa Karoora Mana Murtii Waliigalaa gadi fageenyaan erga qoratee booda sagalee guutuun raggaasiseera.
Biqilaa Tufaa fi Taammanaa Araggaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.