Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii ariifachisaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii ariifachisaa 1ffaa marsaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeessuu eegaleera.
Yaa’ichaan wixinee qaboo yaa’ii hundeeffama mana maree marsaa 6ffaa qorachuun ni raggaasiisaan eegama.
Mooshinii dhiyaaturattis marichuun ni raggaasiisa jedhame.
Sagantaan gabaasa adeemsa gaaffii Murtoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa walharkaa fuudhuus kan jiraatu ta’uu ibsameera.
Yaa’iin eegalamuun dura miseensonni mana marichaa yaadannoo sammuu Onkololeessa 24 taasiisaniiru jedhame.
Gareen shororkeessaa ABUT haleellaa lammiilee nagaarratti raawwatu qolachuuf waloon dhaabbachuun murteessaa ta’uu miseensonni mana marichaa ibsaniiru.
Fedhii biyya diiguu fi aangoo qabachuuf hojii yakka garaa jabinaa raawwatu ittisuuf waloon qabsaa’uun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Birihaanuu Bagaaashawutu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.