Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Hararii Yaa’ii Idilee 5ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC) – Manni Maree Naannoo Hararii Yaa’ii Idilee 5ffaa waggaa 3ffaa marsaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera.

Manni marichaa yaa’ii idilee gaggeeffamuun qaboo yaa’ii, yaa’ii idilee 4ffaa waggaa 2ffaa marsaa 6ffaa ni raggaasisa jedhamee eegama.

Baatiwwan jahaan darban galii Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 131 ol walitti qabamuuf karoorfamee % 106 raawwatamuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badiriin gabaasa dhiyeessaniin ibsaniiru.

Hojii dhabeeyyii kuma 5 fi 547 gara hojiitti galchuuf karoorfamee kuma 3 fi 895’f carraan hojii dhaabbii uumamuu eeraniiru.

Yaa’ichi turtii guyyoota lamaan muudamoota adda addaa ni raggaasisaan eegama.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.