Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Hararii dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Manni Maree Naannoo Hararii walga’ii idilee gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mar’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa wixinee danbii hundeeffama Mana Maree Hoggansa Sodaa Balaafi Deeggarsa Hawaasaa irratti mari’ateera.

Wixineen danbii kun sirna deeggarsaafi kunuunsaa hawaasa giddugaleeffate diriirsuun yaaddoowwan hawaasummaafi diinagdeef deebii kennuuf, dandeettii qabeenya walitti qabuu guddisuuf, eeggattummaa dhabamsiisuuf akkasumas aadaa waldeeggaruu uummataa kan cimsu akka ta’e ibsameera.

Manni marichaa danbii kanarratti erga mari’ateen booda raggaasisuun hojiirra akka oolu murtoo dabarseera.

Kana malees manni marichaa ajandaalee biroorratti mari’achuun murtoo dabarsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.