Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Hararii baajata bara 2014 Birrii biiliyoona 2.9 ol raggaasiise

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Manni Maree naannoo Hararii Yaa’ii idile 1ffa bara hojii 6ffaa gaggeesseen baajata bara 2014 Birrii biiliyoona 2.9 ol raggaasiiseera.
 
Maddi baajatichaa Mootummaa federaalaa, galii naannichaarraa argamuu fi liqii alaa ta’uu ibsameera.
 
Baajata ragga’e keessaa % 49 baasii Kaappitaalaa yoo ta’u kan hafe hojiilee idilee raawwachiisuuf oola jedhame.
 
Baajanni naannichaa bara kana ragga’e kan bara darbee yoo madaallamu % 19 caalmaa qaba jedhameera.
 
Manni Marichaa Labsiiwwanii fi muudamoota garaagaraa dhiyaatanis ni raggaasiisan kan eeggamu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeedhinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.