Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Idilee gaggeessaa jira

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Idilee 6ffaa marsaa 1ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessaa jiraachuu ibsame.
Miseensonni mana marichaa bulchiinsa gaarii, misoomaa fi tajaajila sirna haqaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban Af Yaa’iin naannichaa Aadde Baanchayehu Dingataa ibsaniiru.
Qaala’iinsa jireenyaa furuun fi hawaasni hojiilee misoomarraa fayyadamoo akka ta’an qaamni hundi bifa qindoomina qabuun socho’uu akka qabanis hubachiisaniiru.
Qulqullina Proojektootaa, kenniinsa tajaajilaa fooyyesuu, dargaggootaaf carraa hojii uumuun, mareen biyyaaleessa akka milkaa’uu yeroo itti dhimmoota xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ichaan raawwiin hojii mootummaa baatiwwan jahan darbanii kan gamaaggamamu ta’uus himameera.
Wixineewwan labsii garaagaraa fi muudamoonni adda addaa dhiyaachuun erga irratti mari’atamee ni ragga’aan kan eegamu ta’uu raga Waajjira Seekreeatariyaal Preesii naannichaarra argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.