Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Afaar boru Yaa’ii Ariifachiisaa gaggeessuu ni eegala jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Manni Maree naannoo Afaar boru Yaa’ii Ariifachiisaa 3ffaa magaalaa Samaraatti gaggeessuu kan eegalu ta’uu ibsameera.
Manni Marichaa Yaa’ii Ariifachiisaa 3ffaa barii filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa gaggeeffamuun isaa adda kan taasiisu ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Naannoo Afaar Aadde Amiinaa Seekkoo ibsaniiru.
Filannichi karaa nagaan akkaa xumuramu hawaasni, paartileen siyaasaa fi qaamoleen nageenyaa qooda ba’aniif Manni marichaa kabaja olaanaa qabaachuu himaniiru.
Manni Marichaa wixineewwan labsii tumaalee garaagaraa raawwachiisuuf ba’an irratti mari’achuun ni raggaasiisa jedhamee eeggama.
Manni Maree Naannoo Afaar miseensota 96 kan qabu yoo ta’u, yaa’ii Ariifachiisan kun yaa’ii xumura bara hojii mana marichaa ta’a jedhame.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.