Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Afaar Baajata dabalataa miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 30 raggaasiise

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Manni Maree Naannoo Afaar Yaa’ii Ariifachiisaa 3ffaa gaggeesseen Baajata dabalataa miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 30 raggaasiiseera.

Manni Marichaa wixinee labsii baajata dabalataa gama Biiroo Maallaqaa fi misooma diinagdee naannichaan dhiyaaterratti erga mari’atee booda raggaasiisuu himameera.

Baajata idilee fi Kaappitaalaa Proojektoota eegalaman raawwachiisuuf oolan Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 30 fi kuma dhibba 2 fi kuma 41 dhiyaate manni marichaa sagalee guutuun raggaasiisuu ibsameera.

Yaa’ichi guyyaa boruu itti fufuun gabaasa raawwii ijoo baatii 11 irratti ni mari’ata jedhameera.

Akkasumas labsii hojmaataa fi itti gaafatamummaa qaamolee raawwachiiftuu 3 murteessuuf ba’erratti mari’achuun ni raggaasiisa jedhamee eeggama.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.