Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannichaa yaa’ii idileesaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Guraandhala 15, 2015(FBC)- Manni Maree Naannoo Gaambeellaa Yaa’ii Idilee 3ffaa bara hojii 2ffaa isaa magaalaa Gaambeellaatti gaggeessuu eegaleera.

Karoorri misoomaafi bulchiinsa gaarii naannichaa galma akka ga’aniif hundi tokkummaan cimee hojjechuu akka qabu Af-Yaa’iin mana mare naannichaa Tihuut Hawaariyaat eeraniiru.

Miseensonni mana marichaa gufuu misoomaa kan ta’e malaammaltummaafi hojiimaata badaa irratti qabsaa’uun imala misoomaafi badhaadhinaa eegalame galmaan gahuuf carraaquu akka qaban yaadachiisaniiru.

Yaa’ii guyyaa sadiif turu kanaan raawwiin karooraa baatiiwwan ja’an darbanii ni dhiyaataan kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.