Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannichaa baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 17.6 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Manni Maree Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa baajata bara 2017 Birrii biiliyoona 17.6 raggaasiseera.

Manni marichaa ya’ii idilee gaggeessaa jiruun baajata bara 2017 naannichaa keessaa baajanni kaappitaalaa Birrii biiliyoona 1.5, baajanni waliigalaa godinaalee Birrii biiliyoona 14.5, sagantaalee sadarakaa naannichaatti gaggeeffaman Birrii miiliyoona 995.6, raawwii galmoota misooma waaraaf Birrii miiliyoona 434.7, baajata eeggachiisaa Birrii miiliyoona 120, waliigalan Birrii biiliyoona 17.6 akka ta’u raggaasisuu ragaan kominikeeshiniin naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.