Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree mirgoota namoomaa DhMG waltajjii adda waameen murtoowwan darban Ityoophiyaan kan hin fudhannee ta’uu beeksifte

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Manni Maree mirgoota namoomaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waltajjii waameen murtoowwan  darban kamiyyuu Ityoophiyaarratti kan hin raawwannee ta’u mootummaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Haala mirgoota namoomaa naannoo Tigraayiin walqabsiisee boruu akka gaggeeffamuuf kan waamamee walga’iin addaa sirna ittin gaggeeffamuu ilaalchisee biiroon mana maricha marii taasiseen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti aantuu bakka buutuu Ambaasaaddara Ityoophiyaa Maahileet Haayiluu argamuun ejjennoo mootummaa Ityoophiyaa ifatti hubachiisaniiru.

Waltajjii adda waamamee fi manni marichaa wixinee labsii dhiyaatee waltajjichaan akka raggaasisuu birmadduummaa fi bulchiinsa tokkummaa Ityoophiyaa waliin kallattiin kan dhiibuu ta’uusaan waltajjichaas ta’u wixineen labsichaa akka haqamuu gaafanna jedhaniiru.

Kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti dhiibbaa mirga namoomaa raawwatamaan gareen ogeeyyiin idil addunyaa qoraataan  Ityoophiyaatti akka bobba’uuf kan gaafatu yaanni wixinee murtoo gama Gamtaa Awrooppaatiin mana marichaatif dhiyaachuu reeporteer gabaaseera.

Yaanni murtoo labsichaa kana dura Komishiniin Mirgoota namoomaa Ityoophiyaa mana maree mirgoota namoomaa dhaabbata mootummoota gamtooman waliin qorannoon waloon taasiseen bu’aasa ka’umsa godhachuun qorannoo dabalataa kan taasisuu gareen ogeeyyii idil addunyaa akka bobba’uuf kan gaafatudha.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.