Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee gaggeesseen murtoo adda addaa dabarse

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 3ffaa har’a gaggeesseen murtoo adda addaa dabarseera.
1.Gaaffii Baasii dabalataa haala yeroon walqabatee dhiyaatu keessummeessuu fi haala uwwisa baasii sirreessuuf yaadni murtoo gama Ministeera Maallaqaan dhiyaateera. Manni Marichaa yaada dhiyaaterratti mari’achuun wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu murteessara.
2 .Bu’aa boba’aa fi sirreeffama gatii gurgurtaa isaa fi raawwii doggomaa irratti yaada murtoo dhiyaaterratti mari’achuun yaadni murtoo kun Mana Maree Ministirootaan erga raggaa’ee har’aa eegalee boqonnaa Qophii baatii jahaa booda akka raawwatamu murteesseera.
3.Yaadni murtoo Fooyya’iinsi gatii boba’aa fi hojmaata isaa waggootan 25 darban hojiirra ture sirreessuuf dhiyaaterratti maricha’uun yaadichi Mana Maree Ministirootaan erga raggaa’ee har’aa eegalee hojiirra akka oolu murteesseera.
4.Waliigaltee Ministeerri Boba’aa Misooma Dhagaa Cileerratti dhaabbilee 8 waliin taasiiserratti mari’achuun Ministeerri Boba’aa waliigalticha akka mallatteessuu murteesseera.
5. Akkasumas manni Marichaa wixinee labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa dhiyaaterratti mari’achuun Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinicha akka raggaasiisu qajeelcheera.
6. dabalataan Wixinee dambii Hojiirra oolmaa fi kaayyoo Invastimantii Ityoophiyaa Holdiingis murteessuuf ba’e irratti mari’achuun guyyaa Gaazeexaa Nagaarittirratti ba’ee eegalee hojiirra akka oolu murteessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.