Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti murtoo dabarse
Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 32ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
1.Manni marichaa Wixinee labsii waliigaltee deeggarsaa fi liqaa Faayinaansii 4 irratti mari’ateera.
Piroojektii babal’ina Giriidii Elektirikaa Baha Itiyoophiyaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 52 Baankii Misoomaa Afrikaarraa argame, Piroojektii carraa hojii uumuu fi ijaarsa bu’uuraa misoomaaf kan oolu Yuuroo miiliyoona 10 mootummaa Xaaliyaanirraa argame, jireenyaa hawaasa naannawaa Gammoojjii Fooyya’iinsuuf kan oolu Doolaara miiliyoona 255 Waldaa Misooma Idil Addunyaarraa argame, Piroojektii Riifoormii seektara Anniisaa, Invastimantii fi Moodarnaazeeshinii boqonnaa 1ffaa raawwachiisuuf kan Doolaara 393 Waldaa Misooma Idil Addunyaarraa liqaan argamerratti mari’ateera.
Liqaan Baankii Misoomerraa argame waggaa 40 keessatti kaffalamee kan xumuramu, kan Mootummaa xaaliyaanirraa argame waliigalaan waggaa 30 keessatti kaffalamee akka xumuramu,kan waldaa Misooma Idil Addunyaarraa argame waggaa 38 keessatti kaffalamee kan xumuramu ta’uu eerameera.
Haaluma kanaan liqaawwan hundi imaammata bulchiinsa liqaa biyyoota kanneenii waliin haala walsimuun ta’uu isaa erga mirkanaa’ee labsichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteessera.
2. Manni marichaa wixinee labsii Tajaajila Immigireeshinii fi lammummaa 3 fi wixinee dambii 1 irratti mari’ateera.
3.Wixinee labsii Siiviilii fi Galmeessa Maatii dhiyaaterrattis mari’ateera.
Manni marichaa wixinee labsii dhiyaatan sadan irratti erga mari’atee booda galteewwan barbaachisan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
4.Manni marichaa walga’ii isaa har’aan Wixinee Dambii Tajaajila kaffaltii Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa murteessuuf ba’erratti mari’ateera.
Tajaajila dhaabbatichi kennu bababl’isuu, sadarkaa qulqullina tajaajila fooyyessuu, akkasumas humna hawaasa fayyadamtoota ilaalcha keessa galchuun uwwisa baasii sirnaan diriirsuun barbachisaa ta’uu isaan wixineen dambii qophaa’e mana marichaaf dhiyaatera.
Dambii dhiyaaterarratti erga mari’atee booda galteewwan dabalataa barbaachisan dabalamuun guyyaa Gaazeexaa Nagaaritirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessera.
5.Dhumarratti manni maricha waliigaltee lama kan Ministeera Dhimma Alaarraa dhiyateetarrati mari’ateera.
Inni jalqabaa waliigaltee tajaajila qilleensaa fooyyessuuf mootummaa Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduutti mallattaa’eedha.
Waliigalteen inni biraa waliigaltee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Indooneezhiyaa giddutti dippiloomatoota fi namoota Paaspoortii qabaniif tajaajila Viizaa hambisuurratti taasifameedha.
Waliigalteewwan kunneen yoo ragga’an Itiyoophiyaan hariiroo gamlamee biyyoota lameen waliin qabdu caalmaatti kan cimsanii fi biyyoota kanneen gidduu walitti hidhamiinsi diinaagdeefi hawaasummaa kan saffisisaan ta’u hubachuun, waliigalteewwan mallattaa’aan raggaasifamuun faayidaa biyyaa kan hin miinee fi miidhaa addaa kan hin qabne ta’uu mirkaneessuun wixineen labsichaa sagalee guutuun raggaasisuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu murteessera.