Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa walga’ii ariifachiisaa 18ffaa gaggeessen murteewwan addaddaa dabarse

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii ariifachiisaa 18ffaa gaggeessen murteewwan addaddaa dabarse.

Manni marichaa walga’ii isaatin tamsa’ina vaayrasii koroonaa fi ittisasaarratti mari’achuudhan murtee dabarseera.

Haaluma kanaan weeraricha ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsuun murteessaa waan ta’eef, heera mootummaa keeyyata 93(1) bu’uura godhachuudhan labsii yeroo muddamaa labseera.

Manni marichaa wixinee labsii qophaa’erratti ega mari’ateen booda labsichi har’a Bitootessa 30,2012 eegalee hojiirra akka oolu labseera.

Labsichis akka ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRIf ergameera.

Dabalataan manni marichaa waliigalteewwan liqaa 3 kan dhaabbilee misoomaa idil addunyaa waliin taasifaman irrattis mari’ateera.

Kan jalqabaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan oolu Doolaara miiliyoona 41.3 yammuu ta’u, kan lammaffaa ammoo raawwii hojii ittisa dhibee Afrikaaf kan oolu Doolaara Ameerikaa miiliyoona 54.9.

Sadaffaan ammoo Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 34.64 raawwii sagantaa imaammata faaynaansii guddinaa fi dorgomtummaaf kan ooludha.

Liqaawwan sadanuu dhalli yeroo dheeraa %0.5 kan itti herreeggamu yammuu ta’u, yeroo haara galfii waggaa 6 kan qabanii fi yeroo dheeraan kan kaffalamanidha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.