Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa Murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) –Manni Maree Ministiroota walga’ii Idilee 37ffaa har’a gaggeesseen wixineewwan dambii 8 dhiyaatanirratti mari’achuun murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Manni marichaa walga’ii idilee har’a gaggeesse kanaan :-
1.Wixinee labsii fayyaa fi Nageenya Beelladootaa dhiyaaterratti mari’achuun galteewwan dabalatan barbaachisan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dabarfamu sagalee guutuun raggaasiseera.

2. Waliigalteen Bobbii hojii Mootummaa Itiyoophiyaa fi Kuweet gidduutti mallattaa’e akka ragga’u Wixinee labsii dhiyaaterratti mari’achuun wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

3. Akkasumas Manni marichaa Wixinee labsii mallattoon Elektirooniikaa akka fooyya’u dhiyaaterratti erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

4. Wixinee Imaammata Nageenya Saayibarii qophaa’errattis mari’ateera.

Manni Maree Ministirootaas walga’ii idilee 37ffaa har’a gaggeesseen wixinee dhiyaaterratti erga gadi fageenyaa mari’atee booda galteewwan barbaachisan dabalamuun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

5. Manni marichaa dhimma Imaammata Artefishaali Intalajansii biyyaaleessaarratti mari’ateera.

Imaammanni qophaa’e galteewwan dabalataan barbaachisaan dabalamuun hojiirra akka oolu murteesseera.

6. Wixinee Labsii Fayyaa qophaa’errattis mari’ateera.

Labsichi galteewwan dabalataan barbaachisan erga dabalamanii booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

7. Itti aansuunis manni marichaa labsii hundeeffama fandii qorichaa fi tajaajila dhiyeessii qorichaa Itiyoophiyaa irratti mari’ateera.

Wixinicharratti gadi fageenyaan erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

8.Dhumarrattis Tarsiimoo Faayinaansii Fayyaarratti mari’ateera.

Manni maricha tarsiimoo dhiyaaterratti erga mari’atee booda guyyaa ragga’ee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.