Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 2ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.

Manni marichaa wixinee eegumsaa fi ramaddii ragaalee iccitaawoo mootummaa ilaalchisuun marii gaggeesseera.

Dhaabbileen mootummaa gargaaraa hoggantoonnii fi hojjettoonni akkasuma qaamolee ragaaleen qaaqqabeen dirqamnii isaanii ifatti beekamuu waan qabuuf, ragaalee iccitaawoo gamaa elektirooniksiin waljijjiiruuf sirnii diriirfame waan hinjirreef, nageenyummaan ragaaleen mala elektirooniksiin waljijjiiraan kan eegame akka ta’uu fi itti gaafatama mirkaneessuuf, ragaaleen seeraan ala akka hinifoomne, hinbadnee fi hindabarfamne eegumsa barbaachisa taasisuuf wixineen dambii qophaa’e ta’e ibsameera.

Haaluma kanaan irratti bal’inaan erga mari’ateen booda yaadaa galtee idaa’uun guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirraa ooluu murteesseera.

Kana malees wixinee labsii to’annoo fi mirkaneessaa nageenyummaa oomishaalee teeknooloojiiwwan odeeffannoorratti mari’ateera.

Nageenyummaa teeknoloojiiwwan odeeffannoo biyya keessa galanii irratti to’annoo fi hordoffii barbaachisaa taasisuu, dhiibbaa uumamuu malan ittisuuf wiixnee labsii qophaa’e ta’uun eerameera.
Wixinecharratti erga mari’ateen booda Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka Raggaasisuuf gara mana marichaatti qajeelcheera.

Gama biraatiin Manni Maree Ministirootaa wixinee dambii bulchiinsa hojjettoota Abba Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Ityoophiyaattittis mari’ateera.

Gabaan Kaappitaalaa Ityoophiyaa haaraa ta’uurraan gama baay’inaa hojii dhabbatichaan filannoo hojjetootaa gaggeessuu fi bulchuutiin wixineen dambichaa qophaa’uun eerameera.

Haaluma kanaan wiixinechi guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirraa oolu sagalee guutuun murteesseera.

Dabalataanis Wixinee dambii Giruuppii Baayoo Faarmaa fi Intarpiraayizii Sheeldiivaaksi Hundeessuuf ba’erratti mari’achuun guyyaan dambichii Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirraa ooluu murtoo dabarseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.