Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murtoo dabarse

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 38ffaa gaggeesseen Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa waliin waliigaltee deeggarsaa faayinaaansii taasifame ilaalchisuun labsi qophaa’erratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Waliigalteen deeggarsa faayinaansii waldichaa waliin taasifame Doolaara biiliyoona 1.5 kan argamsiisu yoo ta’u, kana keessaa Doolaarri biiliyoona 1 deeggarsa, Doolaarri miiliyoona 500 ammoo liqii ta’uun ibsameera.

Deeggarsi faayinaansii kun, mootummaan diinagdee gooroo tasgabbeessuuf hojiilee riifoormii jalqabe raawwachiisuuf, keessumaa carraa hojii uumuu, qaala’iinsaa gatii to’achuu, hanqina sharafa alaa hambisuu, sirreeffamaa caasaa taasisuu akkasumas baajataa bara 2017 mootummaa federaalaa kallattiin deeggaruuf kan oolu ta’uun eerameera.

Manni marichaas sanada dhiyaaterratti mari’achuun liqichii dhalarraa bilisa, yeroo hafuura fudhannaa waggaa ja’aa kan qabuu fi waggoota 38 keessatti kaffalamee akka xumuramu kan eegamu ta’uun ibsameera.

Akkasumas tarsiimoo bulchiinsa liqii biyyattii waliin kan walsimu ta’uu mirkaneessuun waliigaltichi ragga’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.

#Oromia Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.