Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona 786.61 akka ta’u murteesse

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 9ffaa har’a gaggeesseen Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86 fi miiliyoona dhibba 6.1 akka ta’u murteesseera.
Haaluma kanaan Baajata baasii idilee Birrii biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 47.12, baasii kaappitaalaaf Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona18.11, deeggarsa naannoleef Birrii biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 9.38, akkasumas galmoota misoomaa itti fufaaf Birrii biiliyoonni 12 qabamuu ibsameera.
Waliigala Baajanni mootummaa Federaalaa bara 2015 Birrii biiliyoona dhibba 7 fi biiliyoona 86 fi miiliyoona dhibba 6.1 ta’uun dhiyaateera.
Baajanni bara 2015 dhiyaate kun kan bara darbeen yoo madaallame Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 11.94 caalmaa qabaachuu ibsameera.
Manni Marichaas baajata dhiyaateerratti mari’achuun galteewwan dabalataa dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaatee akka ragga’u sagalee guutuun murteesseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.