Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministiroota Murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Manni Maree Ministroota walga’ii idilee 33ffaa har’a gaggeesesen dhimmoota garaagaraatti mari’achuun murtoowwan adda addaa dabarseera.
1. Manni maricha jalqabaarratti kan mari’ate wixinnee labsii Filannoo Itiyoophiyaa, Galmee Paartiilee Siyaasaa fi Namuusaa filannoo fooyya’uuf dhiyaateerrati yoo ta’uu,
Gareewwaan Siyaasaa Sochii seera qabeessaa fi hammattoo siyaasaa alaa turan karaa nagaan socho’uuf wayita fedhii agarsiisan qaamoolee kanneen Paartii Siyaasaa seera qabeessa taasisuun galmeessuuf sirni dandeesisuu labsii ture keessatti hin hammatamne .
Gareewwaan kunneen karaa nagaan socho’uu fi ijaarsa sirna Dimookiraasii keessatti gumaacha bahachuu wayita fedhii agarsiisan deebisanii galmeessuuf sirna dandeesisuu dirrirsuuf Wixineen labsii qophaa’e dhiyaateera.
Manni marichas Wixinee labsiicharratti erga mari’ate booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
2. Manni marichaa itti aansuun Labsii Qabeenyaa deebisiisuurratti mari’ateera.
Qabeenyaa fi maallaqoota akkaan argaman karaa bu’aa qabeessa ta’een qabuu, dhorkuu fi dhaaluuf yookan Bulchuuf akka dandeesiisuu hammattoon seera qophaa’uun barbachisa ta’uu isaan, qabeenyaa labsiiwwan garaagaraa keessatti bittina’anii jiraan deebisisuu fi sirna hojiirra oolchuuf haala mijatu diriirsuun barbachisaa ta’uun wixineen labsii qophaa’uu ibsameera.
Manni Mariichaa Wixinee labsiicharratti erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataf dabarseera.
3.Manni marichaa labsii yakka Maallaqa karaa seeraan alaa argame seera qabeessa taasiisanii dhiyeessuu fi gochaa Shororkeessummaa Maallaqaan deeggaruu ittisuu fi to’achuuf ba’erratti mari’ateera.
Wixinee labsii yakkoota kanneen Ittisuu fi to’achuuf dhiyaaterratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
4. Akkasumas wixinee labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa murteessuuf qophaa’erratti mari’ateera.
Cancala dhiyeessaa fi hojmaata isaa qaama alaa galchuu eegalee hanga fayyadamtootaatti jiru sirna gabaa ammayyaa, si’ataa, iftoomaa, haqa qabeessaa fi qaqqabaa taasiisuuf labsiin qophaa’erratti erga mari’atee booda mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.