Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee gaggeessaa jira

Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Idilee gaggeessaa jira
Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii idilee kurmaana 4ffaa gaggeessaa jira.
Kantiibaa magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi miseensonni mana marichaa yaa’icharratti argamaniiru.
Yaa’ii kanarratti gabaasni raawwii hojii qaamaa raawwachiisaa, Mana Murtii Olaanaa, kan mana maree bara 2016 fi Tariifni mana qopheessaa Magaalaa Shaggar haaraa qoratame dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.
Magaalichi bara 2017 galii Birrii biiliyoona 27 ol walitti qabuuf karoorfachuu Kantibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan himaniiru.
Duudhaa wal gargaarsa hawaasaafi tajaajila lammummaa cimsuun tajaajila lammummaam hojiilee Birrii miiliyoona 88 olitti tilmaamu hojjechuuf karoorfamuus kaasaniiru.
Miseensota Buusaa gonofaarraa Birri miiliyoona 51 ol walitti qabuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Muluu Waaqshumee fi Kominikeeshinii Magaalaa Shaggaritu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.