Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree magaalaa Finfinnee baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 100.05 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Manni Maree magaalaa Finfinnee baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 100.05 dhiyaateef  raggaasiseera.

Karoora bara baajataa 2015 hojiilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii adeemsa jijjiiramaan kaa’aman daran cimsuun gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf karoorfamuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Diinagdee qulqullina qabeessa mirkaneessuu, oomishaa fi dorgomtummaa guddisuu, tajaajila si’ataa fi qulqillina qabu lammiileef dhiyeessuu, ce’umsa dhaabbataa mirkaneessuu, diinagdee keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa mirkaneessuu, hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuu, bishaan dhugaatii, bu’uuraalee misoomaa daandii, carraa hojii uumuu fi miidhagina magaalaa cimsuun dhimmoota xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetaman ta’uu ibsameera.

Baajata qabame keessaa ga’ee olaanaan piroojektoota raawwachiisuuf kan oolu ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.