Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree lamaan boruu sirna baniinsaa waloo ni gaggeessu

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii fi Bakka bu’oota Ummataa boru sirna baniinsa waloon ni gaggeessu.

Manneen maree kunneen walga’ii idilee bara 2015 bara hojii 2ffaa isaanii boru ni eegalu.

Boru sa’aatii 8:30 irraa eegaluun sirna baniinsaa walga’ii waloo isaanii ni taasiisu jedhame.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen sirna baniinsichaarratti karoora mootummaa ilaalchisee manneen maree lamaaniif ibsa ni taasiisuun eegama.

Saganticharratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, bakka buutoonni dhaabbilee garaagaraa, abbootiin Amantaalee fi keessummoonni waamichi taasiifameef kan argaman ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.