Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeshinii Gabaasaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa dhaggeeffachuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)-Manni Maree Federeeshinii, walga’i idilee 2ffaa bara hojii 2ffaa guyyaa har’aa gaggeessaa jiruun, gabaasaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa murtee ummataa godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shan, Naannoo Sabaa fi Sablammoota Ummatoota Kibbaa keessa jiran ilaalchisuun gaggeeffame ilaalchisee gabaasa dhiyeesse dhaggaaffachuu eegaleera.

Gabaasicha kan dhiyeessan Ittaanaan Walitti Qabaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Obbo Wubisheet Ayyaalaa, Manni Maree Federeeshinii Hagayya 12, 2014 walga’ii gaggeesseen godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shan Naannoo Sabaa fi Sablammoota Kibbaatti murtee ummataa raawwachiisuun gabaasa akka dhiyeessu ajajuu yaadachiisaniiru.

Gabaasa boordichi dhiyeesse irrattis mari’achaa jirachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.