Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa garee adeemsa marii biyyaalessaa hordofu hundeessuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Manni Maree Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa garee adeemsa marii biyyaalessaa hordofu hundeessuu beeksiseera.

Manni marichaa marii biyyaalessaa ilaalchisee waldaalee siiviiliifi qaamolee dhimmamtootaa waliin mari’ateera.

Marichi, marii biyyaalessaa bara dhufu baatii Sadaasaa gaggeeffamuuf jedhurratti dhaabbileen siiviilii hawaasaa hirmaannaa ho’aa akka taasisan gochuuf kaayyeffachuu ibsameera.

Daayrekatarri olaanaan mana marichaa Heenook Mallas, miseensonni siiviilii hawaasaa milkaa’ina marii biyyaalessaaf hirmaannaa olaanaa taasisuu akka qaban ibsaniiru.

Manni marichaas damicha bakka akka bu’uuf akkaataa aangoon kennameefiin waldaalee siiviilii hawaasa qindeessuun ga’ee isaa ba’achuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Manni marichaa adeemsa marii biyyaalessaa hordofuuf garee waldaalee siiviilii hawaasaarraa walitti babba’e hundeessuu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.