Manni Maree Daldalaa Ityoophiyaafi Biiroon Eksipoo Daldalaa Idil Addunyaa Chaayinaa waliigaltee waliif mallatteessan
Finfinnee, Caamsaa 4, 2015(FBC)- Manni Maree Daldalaa Ityoophiyaafi Biiroon Eksipoo Daldalaa Idil Addunyaa Chaayinaa haala waliin hojjechuu danda’anirratti waliigaltee waliif mallatteessan.
Waliigaltichi waljijjiirraa daldalaa biyyoota lameenii guddisuufi oomishaalee Ityoophiyaa Chaayinootatti beeksisuuf akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuurratti kaayyeffachuu eerameera.
Pireezidaantiin Mana Maree Daldalaa Ityoophiyaa Malaakuu Izazawuufi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Biiroo Eksipoo Daldalaa Idil Addunyaa Chaayinaa Pii Jiing Suung Yaang Yuun waliigalticha waliif mallatteessaniiru.
Waljijjiirraan Daldalaa Ityoophiyaafi Chaayinaa saffisaan guddachaa dhufuu ibsameera.
Murtoo mootummaan Chaayinaa bara darbe murteesseen oomishaaleen Ityoophiyaa kumni 1fi 600 ta’an qaraxa malee gara biyyattii akka galaniif carraan uumamuu eerameera.
Wandasan Araggaanyitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.