Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa yaa’ii idilee 47ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessaa jira
Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )- Manni Maree Bulchiinsa Dirre Dawaa yaa’ii idilee 47ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessaa jira.
Yaa’icharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Ahmad Muhaammad Buhi, Bara baajataa 2013 akka bulchiinsa Dirree Dawaatti hojiilee misoomaa karoorfaman roga hundaan milkeessuuf humna namaa fooyya’iinsa qabu ijaaruun hojiin bal’aan hojjetamaa tureera jedhaniiru.
Bara baajataa 2013 biyyi keenya rakkoolee covid 19 ,akkasuma gama nageenyaan rakkoo gareen ABUT biyya diiguuf taasisaa jiru qolachuun cinatti Filannoo Marsaa 6ffaa karaa nagaan gaggeessuun hojii aarsaan guddaan itti kaffalame ta’uus hojii boonsaadha jedhan Obbo Ahimad Muhaammad Buhi.
Bara baajataa 2013 tti proojektoonni haaraa 115, buleeyyii 59, waliigalaan proojektoonni 174 hojjetamuuf kan karoorfame yoo ta’u, projektoonni 84 kan xumuraman ta’uufi projektoonni 66 bara baajataa 2014 tti kan darbe ta’uufi proojektoonni hafan sababa adda addaarraa kan ka’e kan haqaman ta’uu ibsameeraa.
Kana malees carraa hojii uumuufi sektara barnootaan akkasumaa gama fayyaan hojiileen gaariin qindoominaan hojjetamaa turuu himameeraa.
Manni marichaa yaa’ii isaatiin baajata bara 2014 raggaasisuu dabalatee murteewwan adda addaa ni dabarsa jedhamee eegamaa.
Nageessoo Kadiirtu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.