Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Beenishaangul Gumuz baajata naannichaa Birri biiliyoona 8.4 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Manni Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz baajataa bara 2016 naannichaa Birrii biiliyoona 8 fi miiliyoona 432 fi kuma 778 fi 184 raggaasiseera.
Baajata qabame keessaa Birrii biiliyoonni 3 fi miiliyoonni 630 fi kuma 184 deeggarsa mootummaa federaalaan taasifamu ta’uun ibsameera.

Birrii biiliyoonni 3 fi miiliyoonni 562 fi kumni 282 galii naannicharraa walitti qabamu ta’uu fi kanneen hafan filmaatawwaan maddeen galii biroon kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadilii Haasan baajanni qabame kaayyoo qabameef sirnaan hojiirraa akka ooluuf hordoffiin taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Keessumaa pirojektoota xumursiisuun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf dursi kan kennamuu ta’uu eeranii, pirojektoonni haaranis akka gaggeeffaman himuu ragaan kominiskeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.