Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixineewwan labsii invastimantii fi eksaayiz taaksii koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dabarse

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixineewwan labsii invastimantii fi eksaayiz taaksii koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf dabarse.

Manni marichaa walga’ii idilee 6ffaasaa har’a gaggeessera.

Ministir deettaan gargaaraa waamamaa mootummaa obbo Caalaa Lammiin mana marichaatti argamuun ibsa laataniin, kaayyoon wixinichaa carraa hojii uumuu, teeknooloojii fi cee’umsa beekumsaa, sharafa alaa biyyi argattu guddisuu, qabeenya uumamaa, aadaa fi qabeenya biroo biyyattii sirnaan fayyadamuudha jedhaniiru.

Wixinicha fooyyessuun kan barbaachise diinagdee si’eessuu, guddina diinagdee waaraa taasisuu, oomishtummaa biyya keessaa jajjabessuu, dorgomtummaa diinagdee cimsuu, hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa jajjabeessuu, jireenya lammiilee fooyyessuudha jedhan.

Manni marichaa wixinicharratti ega mari’ateen booda adda durummaan koree dhaabbii dhimma daldalaa fi indaastiriif, tumsaaf ammoo koree dhaabbii dhimma galiiwwan, baajataa fi faayinaansiif qajeelchera.

Manni marichaa wixinee labsii dhaabbilee misoomaa mootummaa dhuunfaatti dabarsuurrattis mari’ateera.

Mootummaan taaksii barbaachisaa akka sassaabu, koontiroobaandii fi daldala seeran alaa ittisuuf, fayyaa hawaasaa kan miidhanii fi rakkoo hawaasummaa uumuu malan waan ta’ee fi dhimmoota bu’uuraa waan ta’aniif, meeshaalee barbaaddamtummaan gabaa isaanii hin hir’isnee fi tajaajilootarratti taaksii kaa’un barbacahisuu obbo Caalaa Lammiin ibsaniiru.

Eksaayiz taaksichi meeshaalee caaqaa, fayyaa hawaasaa fi rakkoo nageenya naannoo qaqqabsiisan, oomishaalee boba’aa, konkolaataa fi plaastikarratti kan kaa’amudha.

Eksaayiz taaksichi xiqqaan %10(kaameeraa suuraa fi viidiyoo, meeshaalee televiizhinii harkisuuf oolanii fi meeshaalee walfakkaataa biroo), olaanan ammoo %500( eksaayiz taaksin 400 amma %500 irra kaa’amu ammoo konkolaattota bara Faranjootaa 2012 yookin waggaa 7 ol ta’an irratti) ta’uun ibsameera.

Oomishaalee tiraaktaraarratti akka tajaajila isaanii; waggaa 4 fi sanaa ol ta’an irratti eksaayiz taaksiin %100 amma %400 kan kaa’amu ta’a.

Konkolaattota biyya keessatti oomishamanii gabaadhaf dhiyaatan irratti eksaayiz taaksiin kaa’amu %30 ta’uun ibsameera.

Dhugaatii alkoolii, tamboo, nyaata miyaa’aa fi ashaboo qaban, soorrata cooma qaban, uffata hodhamaa, bishaan saamsamanii fi gaazii qaban irratti taaksiin akka kaa’amu ajaja.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.