Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waltajii idilee 10ffaa bara hojii 6ffaa waggaa 5ffaa har’a gaggeessee wixineewwan labsii sadi raggaasiise

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waltajii idilee 10ffaa bara hojii 6ffaa waggaa 5ffaa har’a galma walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeesseen Wixineewwan labsii sadi raggaassisuu ibsameera.
Waltajjichi qaboo yaa’ii waltajjii 9ffaa mana marichaa raggaasiiseerra.
Akasumas Manni marichaa waliigaltee wixinee labsii liqii mootummaa Ityoophiyaa fi waldaa misooma idila addunyaa sagantaa misooma Seeftiineetii fi proojektii misooma Intarpiriinarshiip dubatootaaf oolchuuf waliigalame qorachuun sagalee caalmaan raggaasiiseera jedhame.
Dabalataan wixinee labsii waliigaltee liqii mootummaa Ityoophiyaa fi Baankii Daansikee AS gidduutti proojektii bu’uuraalee misooma Meetirooloojii Biyyaalessaa fi ijaarsa dandeetti Ejansii Raaga Haala Qilleensaa raawwachiisuuf waliigalame qorachuun raggaasiisuu himameera.
Gama biroon wixinee labsii sirna manni murtii dhimmoota Filannoo itti keessummeessanii fi wixinee labsii Ragaa Filannoo qorachuun Koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf qajeelchuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.