Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseera

Finfinnee, Eebila 27, 2012 (FBC) – Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa yaada murtii filannoo ilaalchisuun koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaafi dimokraasii keeyyatoota sadiirratti hiikni seeraa akka kennamuuf dhiyeesse mormii 25n sagalee caalmaadhan raggaasise.
 
 
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseera.
 
Walga’ichaanis Boordiin Filannoo Biyyoolessaa filannoo ilaalchisuun yaadolii furmaataa akka yaada murtootti dhiyeessee fi waliigalteewwan liqaa ja’aa ni raggaasiseera.
 
Manni marichaa walga’iisaa idilee 15ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessen yaada murtoo boordichi dhiyeesse ilaalee yaada murtoo akka dhiyeessuf koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokraasiif dhiyeessun isaa ni yaadatama.
 
Boordiin Filannoo, Filannoo Biyyaalessaa sagantaa qabameen gaggeessuun akka hin danda’mne beeksisuu hordofee qaawwa heeraa mudate furuuf yaadni furmaataa afur dhiyaataniiru.
 
Isaanis:
 
1. Mana Maree Bakka Bu’oota Uuummataa diiguu
2. Labsii yeroo muddamaa labsuu
3. Heera biyyattii fooyyeessuufi
4. Hiikaa seeraa gaafachuudha.
 
Manni Maree Bakk Bu’oota Uummataa yaada furmaataa dhiyaatan kana irratti karaa koreewwan dhaabbiifi kaaniinis mariyatee murtee dabarseera.
 
Manni marichaas koree dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokraasii Boordiin Filannoo Biyyoolessaa filannoo filannoon biyyaalessaa 6ffaa gaggeeffamuu akka hin dandeenye ilaalchisuun yaada murtoo boordichaaf dhiyaate ragga’uun walqabatee, yaadota furmaataa dhiyaataan keessaa hiikaa seeraa gaafachuu kan jedhu ilaaluun sagalee mormii 25 fi sagalee caalmaan ragga’eera.
 
Keeyyatoonni seerichaa hiikni irratti kennamuuf dhiyaates keeyya 54/1, 58/3fi 93 dha.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.