Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa maatii 203 deeggarsa taasise

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Araadaa irraa walitti kan babba’an maatii 203 deeggarsa taasise.

 

Weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaatti erga uumameeti kaase qaamooleen garagaraa lammiilee harka qalleeyyi gargaaruuf deeggarsa walitti qabaa jiru.

 

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummaataas mata duree “ Ni dabarra” jedhuun kutaa magaalaa Araadaatti aanoota 10 walitti kan babba’aan maatii galii gadi aanaa qaban 203f deeggarasa taasiseera.

 

Deeggarsa kanaaniis tokkon tokkon isaaniif daakuu qamadii kiiloo 50 fi zayita nyaataa liitra 3 laachuu tajaajjilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

 

Saganticharratti kan argaman Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata a Taggasaa Caafoo “ lammiileen Ityoophiyaa kanaan dura rakkinoota mudatan waliin dhaabachuun darbineerra” jedhaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.