Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Konfaransii Qorannoo Paarlaamaa 1ffaa eegale

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa Konfaransii Qorannoo Paarlaamaa 1ffaa ‘Paarlaamaa, Deemookraasii fi mirga namoomaa’ mata duree jedhuun gaggeessuu eegaleera.
Hawaasa Siyaasaa Deemookraasii keessatti manneen maree waltajjii ijaarsa sirna deemookraasii ta’uun kan tajaajilan ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon ibsaniiru.
Manneen Maree hariiroon dhaabbilee barnootaa olaanoo, qorannoo fi qoo’annoo, waldaalee ogummaa, hawaasa siiviilii waliin taasiisan rakkoolee hawaasummaa, Diinagdee fi siyaasaa furuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Ityoophiyaan guddachuuf biyya dandeettii kuumafaa fi abdii qabduudha jedhan.
Humna kuufamaa kana gara qabatamaatti jijjiiruun abdii jiru dhugoomsuuf hojiin qorannoo fi qorannoo murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ergama heera mootummaan laatameef ba’uuf hojiilee garaagaraa raawwachaa jiraachuu himaniiru.
Waltajjiin har’aas Paarlaamaan qorannoo fi ragaarratti hundaa’uun murtoo akka laatuuf faayidaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Konfarasiin qorannoo akka kanaa waggaa waggaan idileen kan gaggeeffamu yoo ta’uu, guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.