Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI labsii yeroo ariifachiisaa raggaasise

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI labsii yeroo ariifachiisaa raggaasise.

Manni marichaa walga’ii addaa har’a gaggeesseen, labsii yeroo ariifachiisaa Manni Maree Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaan ittisuuf labsee fi haala raawwii isaa qorachuun murtoo akka itti laatuuf dhiyeesse raggaasiseera.

Manni Maree Ministirootaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi miidhaa ga’uu danda’u hir’isuuf labsiin yeroo mudamaa akka labsamu murtee dabarsuun isaa kan yaadatamuudha.

Labsicha hojirra oolchuuf Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa har’aa walga’ii addaa 2ffaa gaggeessun labsii dhiyaate qorachuun sagalee caalmaan raggaasiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.