Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017 (FBC)-Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Masqalli ayyaana amantaa fi aadaa ummata biyyattii yoo ta’u, hambaalee kiliyyaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’an keessaa adda duree ta’uu kaaseera.

Kanaanis duudha amantaa isaa eeggatee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufuu ibseera.

Ayyaanichi hariiroo hawaasummaa lammiilee cimsuu, guddina bakkeewwan hawata tuuriizimii biyyattii fi ijaarsa maqaa gaariif gumaachi qabaatu olaanaa ta’uun eerameera.

Sirni Damaraa baranaa sagantaalee amantaa garaagaraan ayyaaneffachuuf qophiin taasifamuu eeruun, sirnaa fi duudhaa amantaa eeggatee miiraa nagaa fi waloomaan akka kabajamuuf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhameera.

Ayyaanicha wayita kabajnu, lammiilee harka qalleeyyiif yaaduun kan qabnurraa qooduun, miira waloomaa fi waldeeggarsaan kabajuun barbaachisaa ta’uu dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.