Fana: At a Speed of Life!

Manni maree ajandaawwan garagaraa dhiyaaterratti mari’ate

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Manni maree bakka bu’oota ummataa waltajjii idileesaa 8ffaa guyyaa har’aa gaggeessera.

Manni marichi waltajji idileessa guyyaa har’aan ajandaawwaan garagaraa kan ilaale yoo ta’u, kanneen keessaa wixinee labsii yakka shororkeessuumaa ittisuu fi to’achuu isa tokkodha.

Kanaaniis manni marichi gabaasaa fi murtee yaada wixinee labsii yakka shororkeessuumaa ittisuu fi to’achuurratti koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokiraasii fi koree dhaabbii dhimmoota hariiroo alaa fi nagenyaan dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.

Akkasumaas, wixinee labsii sirna qajeelfamaa fi bulchiinsa proojaktoota mootummaa federaalaa daangeessuuf dhiyaatee fi wixinee labsii waliigaltee dhiyaate dabalatee koree dhaabbi dhimmi ilaalatuuf qajeelchera.

Dabalataaniis, namoota qaroo dhabeeyyii, akksumaas rakkina barreeffama dubbisuu qabanii fi barreeffama dubbisuuf hir’ina qaamaa warra qabaniif waliin ga’iinsa hojiiwwaan maxxansa mijeessuuf kan ba’e wixinee labsii waliigatee Maraakaash raggaasisuuf dhiyaate qorachuun koree dhaabbii qaamni ilaaluuf qajeelchera.

Babbalina investimentirratti mootummaa Ityoophiyaa fi Kuwaatar gidduutti mallattaa’ee fi waixinee labsii waliigaltee eegumsaa raggaasisuuf dhiyaate akkasumaas chaartara mirgoota namootaa fi ummata Afrikaa waliigaltee protokoolii mirgoota aardii Afrikaa raggaasisuuf wixinee labsii dhiyaate dabalatee koree dhaabbi qaamni ilaaluuf qajeelfameera.

Namoota biyya keessaa buqqa’aniif eegumsaa fi deeggarsa taasisuuf waliigaltee Kaampaalaa gamtaa Afrikaa raggaasisuuf wixinee labsii dhiyaate qorachuun koree dhaabbii qamni ilaalatuuf qajeelchera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.