Manni kitaabaa Abrihoot tajaajila dubbisiisuu sa’aatii 24 kennuu eegale
Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC) – Manni kitaabaa Abrihoot tajaajila dubbisiisuu sa’aatii 24 kennuu eegaluu beeksiseera.
Manni kitaabichaa har’aa eegaluun tajaajila dubbisaa sa’aatii 24 kennuu eegaluu Daayrektarri Mana Kitaabaa Abrihoot Injinar Wubaayyoo Maammoon ibsaniiru.
Guyyaatti namoota kuma 15 ol tajaajiluu kan danda’u ta’uu eeraniiru.
Manni Kitaabichaa aadaa dubbisaa hawaasaa fooyyessaa jiraachuus ibsaniiru.
Manni Kitaabaa Abrihoot lakkoofsi 2 Bulchiinsa Magaalaa Finfinneen kan ijaaramu ta’uu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.