Fana: At a Speed of Life!

Manni kitaabaa Abrihoot sirreeffamtoonni seeraa naamusa akka gonfatan hojjechaa jira

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Manni Kitaabaa Abrihoot sirreeffamtoonni seeraa naamusa akka gonfatanii fi beekumsaan akka dagaggaan tumsuuf Mana Amalaa Sirreessaa Federaalaa Qaalliitti waliin dhaabbiidhaan hojii eegaluun ibsame.

Daayektarri mana kitaabichaa Injiinar Wubaayyoo Maammoo bulchiinsaa fi sirreeffamtootaa seeraa mana amala sirreessichaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, sirreeffamtoonni seeraa yeroo murtii isaanii dubbisuun akka dabarsan hojjechuu feesisaa jedhan.

Sirreeffamtoonni turtii sirreeffamaa isaaniittii fi gara hawaasaatti wayita makaman ofii isaaniirra darbanii hawaasa akka tajaajilaniif manni kitaabichaa manneen amala sirreessaa waliin akka hojjetu ibsaniiru.

Mannii kitaabichaa, kitaabilee xiinsammuu, naamusaa, ogummaa aartii, falaasama, akkasumaas saayinsii fi teeknooloojii dabalatee kanneen biroo sirreeffamtootaan ga’uuf ni hojjeta jedhan.

Bulchiinsii fi sirreeffamtoonni mana amala sirreessaa gama isaaniin, Manni Kitaabaa Abrihoota, hojiilee eegale gammachuun akka simatanii fi diqisifannaa isaanii calaqqisiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.