Manni Barumsaa Leenjii Bu’uura Loltummaa Birshalaqoo sirna baniinsa leenjii leenjitoota marsaa 35ffaa gaggeesse
Finfinnee, Fulbaana 23, 2014 (FBC)- Manni Barumsaa Leenjii Bu’uura Loltummaa Birshalaqoo sirna baniinsa leenjii leenjitoota marsaa 35ffaa gaggeesseera.
Ajajaa Olaanaan Mana Barumsichaa Koloneel Geetachoo Alii, osoo nuti jirru biyyi keenya hin diigamtu jechuun miira tokkuummaa, haamileefi gootummaan garee shororkeessaa diina biyyaa ta’e kanarratti qabsaa’uniifi awwaalaa isaa tolchuuf leenjii isiniif kennamu sirnan bahachuun diinaa injifachuun kabaja lammiilee ta’uu qabdu jedhan.
Yeroo turtii leenjii keessanitti leenjii loltummaa gahumsaan leenji’uu, rakkoolee wayita leenjii isiin muudatan kutannoofi namuusa loltummaa cimaan leenjicha xumuruun waada uummataafi biyyaaf galtan mirkaneessuu qabdu jedhan Ajajaa Itti aanaan Mana Barumsaa Leenjii Bu’uura Loltummaa Birshalaqoo Koloneel Tazarraa Kabbadaa.
Leenjitonnis gama isaaniin birmadummaa biyyaaf lubbuu isaanii qaalii kan wareegu Raayyaa Ittisa Biyyaa bira dhaabbachuuf gara mana baruumsa leenjii loltummaa kana dhufuu isaanitti gammadoo ta’uu himuun, leenjii kana ciminaan leenji’uun garee shororkeessaa haleeluf qophii ta’uu himan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.