Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Ifa Boruu Magaalaa Shireetti ijaaramaa ture xumuramuun tajaajilaaf qophaa’e

Finfinnee, Fulbaana 3, 2017 (FBC) – Deeggarsa Mootummaan Naannoo Oromiyaan Baasii Birrii miiliyoona 179’n Magaalaa Shireetti kan ijaarame Manni Barumsaa Ifa Boruu sadarkaa 2ffaa xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu Waajjirri Barnootaa Magaalaa Shiree beeksise.

Manni barumsichaa barattoota kuma 2 fi 161 ganamaaf galgala simatee barsiisuu akka danda’u Itti gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Gabramadin Waldagoorgis himaniiru.

Manni barumsichaa Mana kitaabaa Diijitaala, Laaboraatoorii, Wiirtuu IT, Workishooppii, Kilinikaafi Galma Walgahii kan guutate ta’uu eerameera.

Hoji geggeessaan Pirojektichaa Obbo Galataa Caalaan manni barunsichaa lafa hektaara 4.2 irratti kan ijaarame yoo ta’u baatiiwwan 10 keessatti xumuramuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.