Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Ifa Boruu Baabbichaa Birrii Miiliyoona 34 oliin ijaarame eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Liiban Jaawwiitti Manni Barumsaa Ifa Boruu Baabbichaa Birrii Miiliyoona 34 fi kuma dhibba 5 ijaarame eebbifameera.

Mana barumsaa ijaaruun dhalootaa fi guddina biyya tokkoo itti fufsiisuu ta’uu   Itti gaafatamaa waajjira barnootaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Taammiraat Dhaabaa ibsaniiru.

Manneen barnootaa Ifa Boruu 4 fi mana barumsaa Bultii Addaa tokko godinichatti ijaaraman keessaa Manneen barnoota Ifa Boruu lama xumuramuu Obbo Taammiraat himaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf naannoon Manneen barnootaa daa’imman itti baratan hawwataa taasisuun murteessaa waan ta’eef manneen barnootaa Ifa Boruu 100 fi  Bultii Addaa 7 ijaaruurratti Mootummaa Naannoo Oromiyaa karoorfatee hojiitti seenuu Daayreektarri Daayrektoreetii Misooma Barnootaa Oromiyaa Obbo Warqinaa Nadhasaa eeraniiru.

Akkuma addunyaan hiyyummaa Seenaa gochuuf teeknoloojii barnootaa fayyadamte ammas dhaloota baratetu ofii fi biyya isaa jijjiira jedhan bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Saahiluu Dirribsaa.

Mootumman Naannoo Oromiyaa qormaatilee keessaa fi alaan muudachaa jiru dandamatee misooma barnootaa irratti ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Barattoonnii fi hawaasni naannichaa ijaaramu mana Barumsaa kanaatti hedduu gammaduu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.