Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Bultii Qaroo dhabeeyyii Birhaan barattoota simate

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Waajjira Giiftii Dureen kan ijaarame Manni Barumsaa Bultii Qaroo Dhabeeyyii Birhaan barattoota simateera.

Manni Barumsaa Bultii Qaroo Dhabeeyyii Birhaan Waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi tumsa qaamolee tola ooltootaan ijaaramuun Bulchiinsa magaalaa Finfinneef dabarfamee kennamuun kan yaadatamuudha.

Barattoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaa jiran 312 simateera.

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantoonni mootummaa biroon mana barumsichaatti argamuun barattoota kanneeniif ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniiru.

Fireehiyiwaat Saffiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.