Fana: At a Speed of Life!

Manni Barnootaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Amboo eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti Manni Barnootaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Amboo Birrii miiliyoona 275 eebbifameera.

Manni barumsaa kun bakka Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni biroon argamanitti eebbifameera.

Manni Barnootaa Bulti Addaa Sadarkaa 2ffaa Amboo kun barattoota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa naannawichaarraa dorgomsiisee kan simatu yoo ta’u, barnootaa gochaan deeggarame kan barsiisu ta’uun ibsameera.

Barattoonni mana barnootaa kanatti afaanotaa idil addunyaa biroo ni baratu jedhameera.

Manni barumsaa kun Birrii miiliyoona 275 oliin kan ijaarame yoo ta’u, mana barumsaa kana keesaatti siidaan Oneesimoos Naasibe (Abbaa Gammachiise) ijaarames eebbifaneera.

Yaaddessaa Geetaachoo fi Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.