Manni barnoota Muuziqaa artiist Hacaaluu Hundeessaa eebbifame
Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC)- Sirni eebbaa Mana barnoota Muuziqaa artiist Hacaaluu Hundeessaa guyyaa har’aa mooraa Yuunvarsiitii Wallaggaa Keessatti geggeeffameera.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Wallaggaa Dooktar Hassan Yusuuf, kaayyoon mana barnooticha hojiiwwan aartii keessatti Artistiin Hacaaluu Hundeessaa hojjete dhaloota itti aanuuf dabarsuufi jedhaniiru.
Dhaloonni egerees ammoo gama aartiitiin qooda isarraa eegamu akka ba’atee darbuuf haala mijeessuuf ta’uu Dooktar Hassan Yusuuf himaniiru.
Sirni eebbichaa bakka Abbootiin Gadaa, keessummoonni iddoo garaagaraa irraa affeeramanii, hojjettoonni mooraa yuunvarsitichaa fi barattoonni argamanitti gaggeeffameera.
Guyyaa boriis Yuunvarsiitichi barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture marsaa 16 ffaa dhaaf ni eebbisiisa eegama.
Efireem Malkaamuutu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.