Fana: At a Speed of Life!

Manni Amantichaa yaa’iin lallaba afuuraa fi sagantaan imala afuuraa kamiiyyuu yeroof akka dhaabbatu murtoo dabarse

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Manni Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa yaa’iin lallaba afuuraa fi sagantaan imala afuuraa kamiiyyuu yeroof akka dhaabbatu murtoo dabarse.
 
Manni amantichaa fayyummaa eeguu, dhukkubsattoota kunsuunsuu fi jajjabeessuu dirgama waan qabuuf koreen Siinoodoosii xiyyeeffannoo olaanaan murtoo kana dabarsuu ibsameera.
 
Yeroo kadhannaan taasifamu mana amantaa keessaa fi mooraa alatti fageenya ofii eeguun tajaajilli afuuraa raawwatamuu akka qabu dhaamameera.
 
Qajeelfamaa fi maloota ittisuu seera mana amantichaan walitti hin buune kanneen akka harka dhiqachuu, harka wal fuudhuu, fageenya ofii eeguu, yeroo qofaa fi haxxifannaa of eeggannoo taasisuu, waldhungachuu fi kanneen biroo hojiirra akka oolan murtoon darbera jedhame.
 
Luboonni, barsiisoonni, lallabdoonni wangeelaa, barattoonni sanbataa, dargaggoonni, fi hordoftoonni amantichaa hundi odeeffannoo sirrii fi ajeja manni amatichaa dabarsu fudhachuun hojiirra akka oolchaan ajejni darbuu isaa ragaan Miidiyaa mana amanticharraa argame ni muul’isa.
 
Lammiif quuqqamuu, ajejamuu, maanguddoota kunuunsuu fi harka qalleeyyii gargaaruun tatamsa’ina dhibichaa to’achuuf waaliin yaa dhaabbannu jechuun qulqulluun Siinoodoos waamichaa dhiyeessera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.