Fana: At a Speed of Life!

Manni amantichaa dhaabbileen yeroof tajaajila akka dhaabaan murteesse

Finfinnee, Bitootessa 16,2012(FBC)- Manni Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa dhaabbiileen mana amantichaa yeroof tajaajila akka dhaabaan murteessuu beeksise.
 
Qulqulluun Siinoodoos walga’ii har’a gaggeesseen tattaaffii tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf godhamu deeggaruuf jecha dhaabbileen mana amantichaa yeroof tajaajila akka dhaabaan murteessera.
 
Haaluma kanaan mana lubummaa walii gala eegalee manneen godaambaa hundi akka cufaman murtaa’era.
 
Akkasumas koolleejjoonni Afuuraa, oolmaan daa’immanii, manneen barumsaa olaanoon, wiirtuuwwan leenjii lubootaa fi Yuunvarsiitiwwan afuuraa akka cufaman murtaa’uu isaa ibsameera.
 
Dabalataan waajjira waliigalaa Paatrayaarikii eegalee hanga waajjiraalee lallabaa gadiitti hojjettoota murteessoo ta’anii ala kannee biroo hundi mana taa’anii hojii akka raawwatan murtaa’era.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.