Fana: At a Speed of Life!

Manni Amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa ayyaanni Cuuphaa hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee galmaa’uu isaatin gammachuushee ibsatte

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Manni Amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa ayyaanni Cuuphaa hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee galmaa’uu isaatin gammachuushee ibsatte.

Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuna Maatiyaas ibsa har’a laataniin akka beeksisanitti, Dhaabbanni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ayyaanicha hambummaan galmeessuuf murteessuun isaa gammachuudha jedhaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa waggaa waggaadha Amajjii 11 kabajamu hambummaan galmaa’un, bu’aa dadhabbii qaamolee mootummaa dhimmi isaan ilaallatu, hayyoota, hordoftoota amantaa fi ummata Ityoophiyaati jedhaniiru.

Ayyaanichi hambummaan galmaa’un kan murtaa’e badhaasa noobeelii nageenyaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin walirra oolun isaa gammachuu dachaa isa taasisas jedhaniiru.

Ayyaanichi duudhaasaa eegee bifa miidhagaa ta’een akka kabajamu hunduu ga’eesaa akka ba’atus dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.