Fana: At a Speed of Life!

Manni amala sirreessaa Godina Jimmaa sirreeffamtoota amalaa hojii misoomaa irratti hirmaachisaa jira

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC)– Manni amala  sirreessaa Godina Jimmaa sirreeffamtoota amalaa hojii misoomaa irratti hirmaachisaa jira.

Manni amala sirreessaa Godina Jimmaa sirreeffamtootaaf leenjii ga’aa  kennuufiidhaan hojii misoomaa kan akka  Oomisha Qamadii, Kuduraalee  fi kannneen biroon sochii misoomaa irratti bobbaasuu isaa waajjirri mana amala sirreessaa Godina Jimmaa ibseera.

Sirreeffamtoonnis yaada kennaniin  mana amala sirreessaa keessa teenyee hojii misoomaa kana irratti hirmaachuun keenya akka mana leenjii tokkotti nu fayyadeera jedhan.

Hojiin misoomaa sirreeffamtootaa kunis miseensota mana amala sirreessaa Godina Jimmaatiin guyyaa kaleessa daawwatameera.

Daayreektarri mana amala sirreessaa Godina Jimmaa  Koomaandar  Zarihuun Baqqalaa akka jedhaniitti hojiin kun kan jalqabame 2014 keessa akka ta’e himuudhaan, hojii misoomaa kana keessattis  sirreeffamtoonni 150 hanga 200 kan keessatti argaman ta’uu  addeessaniiru.

Oomishaalee kanas galteen isaa Mana  amala sirreessaa Godina Jimmaatiif akka ta’e himaniiru.

Samiiraa Muhaammadyaasintu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.